Gaachana qabsoo bilisummaa Oromoo kan tahe WBO jabeessuudhaaf tinnisaa fi deggersa barbaachisu hanga kaayyoon keenya dhugoomutti akkuma duraaniitti jabaannee ni gumaachina
Rakkoo fi dadhabbiilee gara garaa irraa kan ka’e sagantaalee bara dabre itti hin milkaawinitti bara kana milkii gaarii argamsiisuuf qindoomina haarawaan hojjachuuf murteeffanne.
Adunyaan keessa jirru tan nama humna qabuu ta’uun arra namuufuu ifa. Oromooniis mirga humnaan saamame deeffatee Abbaa biyyumaa isaa mirkaneessuuf murteessaan qabsoo Oromotti humna horuu qofa waan ta’eef kana mirkaneessuuf dirqama dhaabni keenya nutti kennu bakkaan gahuuf qophii dha.
Olollii fi Shororkaan diina fi masaanuu qabsoo keenyaa yoomiyyuu nu hin gowwoomsu, Dhaaba keenya ABO rirma keessaa fi diina alaa irraa cimnee ni tikfanna.
Sabboonummaa fi tokkummaa keenya daran hojii dhaan mirkaneessuuf ammallee irra deebinee irbuu keenya haaromsuu dhaan waadaa oromummaa ni seenna.
INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!
Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.